ABDII SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Recent Posts

Yaadannoon Injifannoo Adwaa 129ffaan kabajamuuf.

‘Adwaa Injifannoo Ummattoota Guraachaa’ mata duree jedhuun Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa129ffaan boru kabajama.

Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa 129ffaan guyyaa boruu Muuziyeemii Yaadannoo Injifannoo Adwaa Birbirsa Gooroo (Piyaassa) keessatti ni kabajama. Injifannoon Adwaa gootummaa fi murannoon ummata Itophiyaan argame.

Uummanni Oromoo injifannoo kana keessatti gahee olaanaa taphataniiru. Loltoonni Oromoo, kan akka Jeneraal Tufaa, Fitawrarii Gabayyoo fi Fitawrarii Gammadaa, qabsoo kana keessatti shoora guddaa gumaachaniiru. Oromoonni beeylada, nyaata fi meeshaa waraanaa akkasumas humna waraanaa guddaa gumaachuun injifannoo kana keessatti adda durummaan seenaa dalaganiiru.

Guyyaan kun Finfinnee keessatti yeroo kabajamu, seenaa Oromoo fi Itophiyaa waliin yaadachuun, gootota Oromoo fi shoora isaanii ibsuuf carraa guddaa dha.

“Adwaa, injifannoo ummattoota Gurraachaa”

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA📡

#Ramadaana

Soomni guddaan Ji’a Ramadaanaa guyyaa boruu Sanbata duraa eegala.

Ji'i ji’a Ramadaanaa mul'ateera. Jechuun haramayin gabaaseera.

Salaanni Taraweeh har’a galgala eegala, soomni Ramadaanaa boru, eegala.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa hordoftoota amantii Islaamaa maraan baga geessan jechaa ji’a soomanaa gaarii isiniif hawwa.

Ramadan Kariim!

Qarshii 10,000 badhaafamaa!

Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 badhaasa!

Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata. Namoonni biroon akkuma duraatti qarshii isaanii baafachuu danda’u.

Injifachuuf 1ffaa ta’uu qofa gaafata!

March 7 ka goolabamu badhaasa qarshii 10,000 injifadhaa! Asbeks walitti qabachaa tokkoffaa baanaan march 7 akka lakkoofsa faranjiitti qarshii 10,000 kan injifattan ta’a.

Asbeks yeroo boqonnaa keessan walitti qabachaa galii dabalataa argadhaa!

Asbeks Waliin Fuulduratti!

Eegaluuf @asbeksplatform hordofaa!

"Mobaayila qabatanii mana amantaa seenuun dhorkaadha" - Mana Lubummaa Finfinnee

Manni Lubummaa Finfinnee tajaajiltoonni yeroo tajaajila hafuuraa geggeessa bilbila harkaa qabatanii mana amantaa akka hin seenne dhorkamuu beeksise.

Manni amantaa kun yeroo sooma guddaatti tajaajilli kun akkamitti akka gaggeeffamuu qabu ilaalchisee bulchitoota, barreessitoota, lallabdoota wangeelaa, fi luboota mana amantii fi waldoota hunda waliin marii taasiseera.

Maricha hordofuun qajeelfamni adda addaa kan ba’e yoo ta’u, waliigalteerra ga’ameera.

Qajeelfama kana keessaa tokko yeroo tajaajila afuuraa geggeeffamu mobaayila gara mana amantaa fiduun cimsee dhorkaa ta’uu isaati.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA📡
Magaalaa Jinkaatti haati tokko yeroo tokkotti ijoollee 4 deesse.

Hospitaalli Waliigalaa Jinkaa magaalaa Jinkaatti gurraandhala 18 haati tokko al tokkotti daa'ima afur nagaan da'uu beeksise.

Daa'imman afran keessaa tokko ulfaatina qaamaa gadi aanaa waan qabuuf ICU keessatti hordoffiin akka taasifameef, ijoolleen kaan ammoo fayyaa gaarii akka qaban hospitalichi himeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA📡
Soressichi addunyaa Eelen Maask jibbamaa jira!

Lammiileen Kaanaadaa lammummaa Eelen Maask akka haqamuuf iyyata mallattoo walitti qabuu jalqaban.

Hanga ammaatti lammiileen kuma 200 ol iyyata kana mallatteessaniiru.

Maalif laata?

Tiraampitti dhihoo kan ta’ee fi Kaanaadaan bulchiinsa Ameerikaa 51ffaa akka taatu yaada kan dhiheesse biliyeenarri kun, ilaalcha Kanaadaa irratti qabu irraa kan ka’e lammummaa isaa akka haqamu lammiileen kaandaa gaafataniiru.

Iyyanni haqamuu lammummaa Kaanaadaa Tujaara addunyaa tokkooffaa Eelen Maask gaafatu deeggarsa bal'aa argateera.

Adeemsi mallattoo walitti qabuu miseensi paarlaamaa Kaanaadaa Kawaaliyaa Riid fi lammiilee birootiin jalqabame lammiilee Kanaadaa irraa mallattoo kuma 200 ol argachuun isaa barameera.

Adeemsi mallattoo walitti qabuu kun kan jalqabame Eelen Maask Pirezidaantii Tiraamp, kan Kanaadaa kutaa Ameerikaa 51ffaa akka gootu dubbatan waliin walitti dhiyeenya qabaachuu isaanii fi ilaalcha siyaasa biyyattii irratti qabaniin akka ta’e himama.

Iyyanni guyyoota shan dura toora interneetii irratti bahe ejjennoo dantaa biyyaalessaa Kanaadaa faallessu leellisaa jira jechuun Eelen Maask himate.

Akkasumas, Michummaan Eelen Maask Tiraamp waliin qabu mootummaa biyya alaa abbaa biyyummaa biyyattii gadi buusuuf hojjechaa jiru waliin ifatti tumsaa akka jiru kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.

Dhimmoonni kun lammiilee Kanaadaa kan aarse yoo ta’u, lammummaan Tujaara kanaa akka haqamu daandii irratti ba’aniiru.

Dhalataa Afrikaa Kibbaa kan ta’e Eelen Maask, dhaabbata konkolaataa elektirikii Tesla, dhaabbata hawaa SpaceX, fi marsariitii hawaasaa Twitter dabalatee dhaabbilee Ameerikaa hedduu kan hoogganu yoo ta’u, karaa haadha isaa lammii Kaanaadaa ta’uu gaazexaan Biriteen The Guardian gabaaseera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gara aangootti erga dhufanii booda, yaadni isaanii Kaanaadaa US waliin walitti makuuf dhiyeessan lammiilee Kaanaadaa miiliyoona 40 dallansiiseera.

Gama kaaniin, pirezidaantichi meeshaalee biyyattii irraa gara Ameerikaatti galfaman irratti taarifa kaa’uu isaanii biyyoota ollaa ishee gidduutti waldhabdee uumeera.

Iyyannoowwan akkasii Paarlamaatti dhiyaatanii deebii ykn murtii ofiisaa argachuuf mallattoo 500 fi isaa ol argachuun dirqama.

Haa ta'u malee, iyyanni lammummaa Eelen Maask akka haqamu gaafatu, guyyoota 5 keessatti mallattoo kuma 100 kan argate fi hanga June 20tti kan turu, mallattoo barbaachisuu ol argachuu danda’eera.

Taphataan duraanii Arsenaal Meesuut Ooziil dirree siyaasaatti makame.

Riyaal Maadridii fi Arsenaaliif taphachaa kan ture Meesuut Ooziil addunyaa siyaasaatti makamuu ifoomseera.

Meesuut Ooziil Paartii Turkii Bulchutti makamuu SKY Sport gabaaseera.
Ga’eessi umrii waggaa 36 Ooziil hariiroo cimaa Pireezidaantii Turkii Rasiip Xaayib Eerdohaan waliin qabuun qeeqamaa tureera.

Sababa kanaan Bara Faranjootaa 2018 garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Jarman keessaa of baasuun kan yaadatamuudha.
Yeroo ammaas Miseensa Paartii AK ta’uutu himame.

Meesuut Ooziil Kilaboota Gurguddoo Awurooppaa keessatti taphataa kan turee fi Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Jarman waliinis Waancaa Addunyaa fudhateera.

Eda Halkan sa'aatii 8:46 hanga 8:48 gidduutti kirkirri lafaa guddaan uumamee namoota hedduu naasisuun hirriba irraa dammaqseera.

Dhaabbileen idil-addunyaa hanga ammaatti guddina isaa reektaar iskeelii 5.0 - 5.3 galmeessuu eeraniiru.

Giddu-galli Qorannoo Ji'oosaayinsii Jarmanii akka beeksisetti kirkirri lafaa kun magaalaa guddoo biyyattii irraa gara kaaba dhihaatti kiiloo meetira 60 fagaatee akka mudate ibseera.

Qorannoon Ji'ooloojii Ameerikaas haala walfakkaatuun iddoo kana ibsee, guddinni isaa Reektaar iskeelii 5.3 akka ta'e ibseera.

Bifa kanaan dura baratame irraa adda haala ta’een kirkira kana namooti hedduun dhaga’uun rifachuu himaniiru.

Biyyattiitti kirkirri lafaa irra deddeebiin mudachaa sababa jiruufis ofeegganno barbaachisaa taasisuun akka barbaachisu himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA📡
Oduu Ammee

WBOn “bulchiinsa mootummaa ce’umsaa jalatti daangaa Oromiyaa akka tiksu” haala mijeessuuf ABO fi KFO amaanaa fudhatan

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalatee jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa marii torban darbe Finfinneetti gaggeesseen rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiru furuuf “Mootummaa Ce’umsaa Waloo Oromiyaa” akka hundaa’u waliigaluu ibsan.

Jilli paartilee siyaasaa lameen dabalatee jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa of keessa hammate kun “rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf” Gurraandhala 19 – 22, 2025 marii bal’aa taasisuu ibsameera.

Walgahii kanarratti paartilee lamaan alatti jila Waltajjii Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa, jila Jaarroollee Biyyoolessaa Oromiyaa, jila Waldaa Makaana Iyeesuus Itoophiyaa, jila Yaa’ii Ganyaa Harooreessaa dabalatee jiloota hawaasa Oromoo 16 irratti hirmaataniiru. 
Hirmaattoonni walgahichaa marii
taasisan booda ibsa baasaniin waraanni Oromiyaa keessa jiru dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennamuu ibsan.

Dabalataan rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jira jedhaniif furmaata kennuuf “ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti” Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate ABO fi KFO’n akka hundeessan waliigalamuu ibsan.

Mootummaa ce’umsaa jedhan kana keessatti ammoo yeroo ammaa mootummaa waliin walitti bu’iinsarra kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) “itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa ta’e paartileen lamaan akka qindeessan itti gaafatamummaa fudhachuu” eerameera.

Rakkoo magaalaa Finfinnee fi daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee, “magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun, magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan” waliigalamuu ibsan.
Kana malees, dhimma Walloo, Dirree Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee “daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti hafan seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaa’an” taasisuuf itti gaafatamummaa ofitti fudhachuu ibsan.

Gama biraatiin, sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubachuun “gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasifamu” waliigaluu isaanii himaniiru. 

Marii kana irratti qaamni mootummaa kan hin hirmaanne yoo ta’u, ibsa jila kanaa ilaachisees mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e federaalaa waan jedhan hin jiru. Dabalataanis waliigaltee marii kora waliinii kanarratti maqaan isaa kan caqasame jaarmiyaa hidhattootaa WBO irra deddeebiin marii kana akka hin deeggarre ibsaa tureera.

Gabsaasi kan AS

See more posts
TeleSearch