Oromia Health Bureau
Recent Posts
Ittisaa fi To'annoo HIV /AIDS milkeessuu keessatti hojii jijjiirraa haala amalaa iddoo olaanaa qaba. Gurraandhala 28 bara 2017 Adaamaa
================================
Biiroon fayyaa Oromiyaa ittisaa fi to'annoo dhibee HIV/AIDS irratti marii fi gamaaggama gaggeessee jira.
Hoogganaan I/A Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Guushaa Balakoo sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin galmoota 95 sadeen HIV/AIDS ittisuu fi to'achuuf karoorfamaniin hojiiwwan qorannoo HIV gaggeessuun namoota vaayirichi dhiiga isaanii keessa jiru adda baasuu, yaaluu fi to'achuu irratti hojjatamaa tureen bu'aa gaariin argamuu kaasanii jiru.
Haata'u malee, raawwiin jiru bulchiinsota magaalaa fi magaalaa akkasumas godinaa fi godina jidduutti raawwiin jiru garaagarummaa waan qabuuf qaamni hundumtuu kutannoo walfakkaataan hojjachuu akka qabu ibsanii jiru.
Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS akka naannoo keenyaatti dhugoomsuuf galmoota 95 sadeen jechuunis namoota vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessa jiru qorachuun adda baasuu, Namoota vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessatti argame qoricha farra HIV/AIDS jalqabsiisuu fi namoota qoricha fudhataa jiran qoricha isaanii akka addaan hin kutne taasisuun hanga vaayirasii dhiiga keessa jiruu gadi buusuun to'achuu irratti karaa qindaa'aa ta'een irratti hojjachuu akka barbaachisu ibsanii jiru.
Dr. Gushaan itti dabaluun hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS keessatti hojiin jijjiirama amalaa fi hawaasaa iddoo olaanaa waan qabuuf hojiin hubannoo hawaasaa xiyyeeffannoo guddaan irratti hojjatamuu qaba jedhanii jiru.
Biiroo fayyaa Oromiyaatti daarektarri daarektoreetii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Dr.Tasfaayee Zarfuu gama isaanitiin akka jedhaniitti kaayyoon sagantaa kanaa haala qabatamaa raawwiin ittisaa fi to'annoo dhibee kanaa yeroo ammaa irra jiru adda baasuun hojii gara fuula duraa hojjatamuu qabu irratti kallattii kennuuf akka ta'e kaasuun milkaa'ina hojii kanaatiif qaamni hundinuu shoora irraa eegamuu bahachuu akka qabu dhaamanii jiru.
Saganticha irratti dhiyeessiiwwan ka'umsa mariif ta'an erga dhiyaatanii booda mariin waliigalaa erga irratti gaggeeffamee booda kallattiin fuula duraa kaa'amuun xumurame.

Dubartiin Fakkii Biyyaa fi Utubaa maatiti! Daa'imman egeree biyyaati.
Gurraandhala bara 2017
===================================
Biiroon fayyaa Oromiyaa sosochii idileessuu koorniyaa gaggeessee jira.
Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin koorniyaa idileessuun miidhaa dubartootaa fi daa'imman irra dhaqqabu hambisuu fi hirmaannaa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa diinagdee, hawaasummaafi siyaasa keessatti qaban akka dabalu gochuu akka ta'e kaasanii jiru.
Obbo Darajjeen itti dabaluun, miidhaan koorniyaa aadaa fi safuu hawaasa keenyaa cabse bal'inaan mul'achaa jiraachuu kaasuun , miidhaa kana hambisuuf hubannoo hawaasaa cimsuu, balaaleffachuu, iddoo tajaajilli itti kennnamu babal'isuu fi qaamolee miidhaan irra gahe tajaajila seeraa, fayyaa fi gorsa xiinsammuu akka argataniif qaamoleen hundi qindoominaan hojjachuu qabu jedhanii jiru. Abbootiin Gadaa fi Haawwan Siinqees miidhaa Koorniyaa hawaasa keessatti babal'achaa jiru xiqqeessuuf qooda olaanaa akka qabanii fi deeggarsa cimaa akka gochuu qaban kaasaniiru.
Sagantaa kana irrattis gabaasa Daarektoreetii idileessa Koorniyaa Sr. Salaamiin dhiyaate irratti mariin bal'aan taasifamee kallattiin fuula duraa kennamee jira.
Xumura irrattis, idileessa koornyaa irratti qaamolee hojii fakkeenyummaa qabu raawwataniif beekkamtiin kennamee jira.

Manaajimentiin Biiroo Fayyaa Oromiyaa daawwannaa dhaabbilee fayyaa fi raawwii hojii fayyaa magaalaa Shaggar irratti marii gaggeesse. Gurraandhala 18 bara 2017.
Shaggar.
==================================
Manaajimentiin biiroo fayyaa Oromiyaa haala kenna tajaajila Hospitaala jalqabaa Diimaa, Buufata fayyaa Alamganaa, kellaa fayyaa Waatoo akkasumaas, sadarkaa ijaarsi Hospitaala Waliigalaa Sabbataa fi buufata fayyaa Furii Gaara Boolloo irra jiru kan daawwannaa fi raawwii hojii fayyaa magaalaa Shaggar irratti marii gaggeessee jira.
Kaayyoon isaa dhaabbilee kanneen keessatti haala kenni tajaajilaa fi sadarkaa ijaarsi piroojektii kanneen irra jiran fi raawwii hojii keessatti ciminoota fi hanqinaalee jiran adda baasuun cimonoota jiran jajjabeessuu fi rakkoowwan mul'atan irratti fala furmaataa kaa'uuf akka ta'e hubachuun danda'amee jira.
Sagantaa kana irratti Hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaanat Warqinah argamuun haasaa taasisaniin daawwannaa kana irraa hojiiwwan gaggaarii ta'e kan argan ta'uu kaasuun hojiiwwan hojjatamaa jiran caalmaatti cimsuuf mul'ata bira ga'amu qabaachuu, mul'aticha bira gahuuf karoora achiin nu gahu baafachuun madaalaa deemuu fi qindoomina jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu ibsanii jiru.
Kenna tajaajilaa dhaabbilee fayyaa fooyessuuf aadaa keenya kan ta'e gara laafummaa, wal kabajuu, wal jaalachuu fi simannaa fuula ifaa ta'een hawaasa keenya tajaajilluu qabna jedhanii jiru.
Xumura irrattis, gabaasa dhiyaate irratti marii taasifameen kallattiin fuula duraas kennamee jira.