TIKVAH AFAAN OROMOO

Recent Posts

#Faayidaa

Lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa 'Faayidaa' ulaagaa ta’uu eegale

Baankileen magaalaa Finfinnee keessatti argaman maamilli lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa diijitaalaa Faayidaa ulaagaa jalqabaa ta’uu beeksisan.

Hojimaanni kunis har’a Amajjii 01, 2025 eegalee hojiirra oola jedhame.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyaalessaan guyyaa har’aa eegalee baankileen magaalaa Finfinneetti argaman hundi hojimaaticha hojiirra oolchuu jalqabuu ibsameera.

Ulaagaan kunis adeemsa keessa guutuu biyyattii naannolee hunda keessa akka hojiirra oolu eerameera.

#tikvahethafaanoromoo
Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa hoggansa dabalatee hojjettoota isaa 20 irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu ibse

Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa hoggantoota dabalatee hojjettoota naamusa dhaabbatichaa sarban irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu dhaabbatichatti Daayirektarri Kutaa Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Obbo Hibrawarq Yimanuu ibsan.

Dhaabbatichi komii maamiltoota irraa dhufu irratti hundaa’uun qorannoo gaggeesseen hoggantoota fi hojjettoota dhaabbatichaa 20 irratti tarkaanfii bulchiinsaa akeekkachiisa barreeffamaa eegalee hanga adabbii mindaa fudhachuu himaniiru.

Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame fe’iinsi humnaa dandeettii tiraansifoormarii ol hayyamuun akka gubatu kan taasisan, maamiltoota haaraa seeraan alaa keessummeessuun maamiltoota durii irratti humni elektirkii akka addaan ciccituu kan taasisan, galii dhaabbatichi argachuu malu kan dhabsiisan ta’uu ibsame. #AS

@tikvahethafaanoromoo
iraamaan Abbaa Karraa bashanannaa irraa barattan eegaluuf guyyaa tokko qofatu hafe🔥

#Abbaa Karraa yeroo hunda Roobii Galgala 3:00tti daawwadhaa📺!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira#DStvEthiopia#MaaddiiAbol
#Update#Earthquake

Kaleessa galgala sababa kirkira lafaa naannoo Affaaritti mudateen manneen jireenyaa fi daldalaa 20 ol jiganiiru.

Sababa kirkira lafaa kaleessa naannoo Affaariitti muudateen, godina Gaabii Rasuu, aanaa dulasaa ganda Durufuliitti manneen jireenyaa fi daldalaa 20 ol ta'an jiguu isaanii jiraattonni naannoo fi bulchaan aanichaa "Ethiopia Insider"'f himaniiru.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti kirkirri lafaa kun har'as akka hin dhaabbannee fi ''Balaa guddaa'' keessa akka jiran himaniiru.

Dhaabbilee taateewwan kirkira lafaa addunyaa guutuutti galmeessan, guyyaa kaleessa Wiixata, Muddee 21, 2017 naannoo Awaashitti kirkirri lafaa saddeet muudachuu beeksisee jira.

Kanneen keessaa lakkoofsi guddaan, Reektar Iskeelii 5.1 yoo ta'u, kirkirri lafaa kun naannoo sa'aatii 7:00tti kan mudate ta'uu odeeffannoon giddugala Qorannoo Ji'oosaayinsii Jarmanii irraa argame ni mul'isa.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

#EarthQuake

Galgala kana naannoo Awaash Fantaaleetti sochiin lafaa irra deddeebiin kan mudate yoo ta'u, raafamni isaa hanga finfinneetti sirritti dhaga'ameera.

Jiraattonni manneen waliin jireenyaa finfinnee sochii cimaan akka itti dhagahame Tikvah Ethiopia'f akeekaniiru.

Finfinnee naannoo Ayaat, Xaafoo, Arraabsaa, Jamoo... naannoleen biroo irra deddeebiin sochiin dhagahamaa tureera.

Miseensonni Tikvah naannawa Awaash immoo kirkirri lafaa kun baay’inaan mul’achaa akka jiruu fi sodaa akka qaban ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#NGAT

Galmeen iyyattoota Qormaata biyyaalessaa seensa Sagantaa Digirii Lammaffaa (NGAT) Muudde 21 hanga 25/2017tti gaggeeffama.

galmaa’uuf
HTTPS://NGAT.ETHERNET.EDU.ET

Gaaffii galmee waliin walqabatu kamiifuu sa’aatii hojiitti imeelii [email protected] ykn lakkoofsa bilbilaa 0920157474 (Enatnesh Gabeyyoo fi 0911335683 (Faasil Tsaggaayee) ibsa gaafachuu akka dandeessan ibsameera.

Qormaataaf 'USER NAME' fi 'PASSWORD' karaa poortali galmeetiin kan ergamu yoo ta'u, kaffaltiin galmee 750 karaa Teeleebirrii qofaan akka kaffaltan jedhameera.

Ministeerri Barnootaa yeroo qormaatichaa galmee booda akka beeksisu ibseera.

#MoE

@tikvahethafaanoromoo
Hanga ammaatti barattoonni 499,000 ol qormaata seensaa yunivarsiitii fudhachuuf galmaa'aniiru. - Tajaajila madaallii barnootaa fi qormaataa

Qormaata xumura kutaa 12ffaa bara 2017 fudhachuuf barattoonni 499,200 galmaa’uu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksise.

Waliigalatti barattoonni 750,000 qormaaticha fudhachuuf ni galmaa'u jedhame kan eeggamu yoo ta'u, barattoonni idilee kuma 600 fi dhuunfaan barattoonni kuma 150 ni galmaa'u jedhamee eeggamaa jira.

Galmeen barattoota idilee Mudde 8/2017 irraa eegalee toora interneetii irratti raawwatamaa akka jiruu fi Amajjii 6/2017 akka xumuramu ibsmeera.

Bakkeewwan filannoo intarneetiin hin jirretti barattoonni erga waraqaa irratti galmaa’anii booda gara naannoo intarneetiin jiru dhaquun odeeffannoo isaanii toora interneetii irratti galmeessuu akka danda’an himameera.

@tikvahethafaanoromoo
#Sidaamaa #Gadda

Balaa tiraafikaa mudateen namoonni 71 du’an
!

Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa laga Gaalaanarratti balaa tiraafikaa Muddee 29, 2024 mudateen lubbuun namoota 71 darbuu ibsame.

Konkolaataan namoota cidha dhaqan fe'ee imalaa ture godina Baha Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa riqicha laga Galaanaarraa kufuun balaa kana qaqqabsiisuu eerameera.

Balaa kanaan lubbuun namoota 71 yoo darbu, namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Waliigalaa Boonaatti yaalamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan Naannoo Sidaamaa gadda itti dhagahame ibsuun, maatii miidhamtootaaf jajjabina hawweera.

#Earthquake : Guyyaa kaleessaa halkan dabalatee irra deddeebiin kirkirri lafaa muudachu maatiin tikvah Ethiopia Affaar irraa ibsaniiru.

kirkira lafaa irra deddeebiin dabalaa jira jedhaniiru.

Miseensi maatii keenyaa tokko "Rabbiin furmaata nuuf haa kennu. Nuuf haa tagabbeessu malee, baay'ee nama sodaachisa. Rabbiin uumaa addunyaa dhuma keenya haa bareechu" jedheera.

Sochiin lafaa kun magaalota adda addaa keessattis akka dhaga’ame hubachuu dandeenyeerra.

Kirkirri lafaa guddina adda addaa qabu naannoo Fantaaleetti yeroo baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, kaleessa ammoo kirkirri lafaa ol’aanaan iskeelii Reektarii 5'n galmaa’e muudateera.

@tikvahethafaanoromoo
Aksuumitti barattoonni hijaaba uffatan gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkaman

Naannoo Tigraay godina Giddugaleessaa magaalaa Aksuumitti barattoonni “hijaaba uffatanii gara mana barnootaa akka hin galle dhoorkamaniiiru.

Gochaan kuni “walabummaa barnootaafi amantaa dhiiba” jechuun ibsameera.

Barattoonni musliima gara mooraa mana barnootaa akka hin seene akka dhoorkamaniifi  mormii kaasuus himameera.

“Manneen barnootaa mirga barachuun keenya nu dhoorkaa kan jiran sababa akkaataa dambii amantii keenyaatiin hijaaba uffanneefiidha. Hijaaba uffata dambii barattootaa waliin wal fakkaatu akka hin uffanneeyyuu nu dhoorkaniiru,” jechuun barattoonni himaniiru.

Bakka bu’aan dhimma Islaamummaa godina Giddugaleessa Obbo Geetuu Kaahsaay rakkoon kuni ji’ooota lama dura eegaluu ibsuun qaama dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessuu beeksiseera.

Haa ta’u malee, torban lama booda irra deebiin barattoonni kunneen gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkamuu Obbo Geetuun himeera.

Kana malees, biiroo dhimma Islaamummaa magaalaa Aksuum rakkoo kana furuuf yaalii taasisaa turuu ibseera.

“Rakkichi yeroo dhiyootti hiikamee hiriyoota gareesaaniitti akka makaman ni taasifna jennee amanna,” Geetuun jedheera.

Biiroon dhimma Islaamummaa Aksuum, xalayaa Kamisa Fulbaana 30, 20217 ALI barreesseen, manneen barnootaa Wara, kindeeyaa, Addabaabaayfi mana barumsaa qophaa’inaa dabalatee walumaagalatti barattoonni 140 ta’an qormaata biyyaalessaa akka hin fudhanne dhoorkamuu Geetuun eeree ture.

Barreessaan Biiroo dhimma Islaamummaa naanno Tigraay Haajii Mohaammad gochaa manneen barnootaa kana qeequun barttoonni gara mooraa manneen barnootaatti akka hin galle dhoorkamuun isaanii qormaata biyyaalessaaf osoo hin galmaa’in hafuu eereera.

“Hijaabni dubartoota Musliimaaf hiikaa guddaa qaba,” jechuun mirga kana dhoorkuun walabummaa amantaarratti dhiibbaa uumuu ta’uu Haajiin Addis Standard’tti himaniiru.

Gochaa walabummaa amantaa dhiibu kuni heera biyyattii kan faallessuu ta’uu eeruun, “hoggantonni manneen barnootaa hijaaba uffachuu akka siyaasaatti ilaaluun” dogoggora ta’uu himeera.

“Dhaabbileen barnootaa sabdaneeessummaa kabajuufi naannawa nageenyi barattoota hundaa itti kabajamu uumuu qabu,” jechuun manneen barnoota garuu faallaa hojjachaa jiraachuu Obbo Haajiin dubbataniiru.

Uffata amantaa dhoorkuun hariiroo hawaasa gidduu jiru miidhuu akka danda’u himameera. #AS

Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira#DStvEthiopia#MaaddiiAbol
" Tajaajilli geejjibaa ummataa hanga galgala sa'aatii 4:00tti akka kennamu murtaa'eera" - Waajjira Geejjibaa Finfinnee

Kaabineen bulchiinsa magaalichaa Finfinneetti dhaabbileen tajaajila geejjibaa ummataa kennan hanga galgala sa'aatii 4:00tti tajaajila geejjibaa akka kennan murteesseera.

Akka murtee kanaatti dhaabbileen tajaajila geejjibaa ummataa kennan:
- Awutoobisii, .
- MiiniiBaasii fi
- Midibaasii jedhamuun beekaman daandii guyyaa idilee  fi akkaataa gatii seera qabeessa guyyaa itti dalaganiin hanga galgala sa'aatii 4:00tti akka hojjatan akeekkachiiseera.

Fayyadamtoonni tajaajila geejjibaa hanga galgala sa’aatii 4:00tti tajaajila akka argataniifi hojjettoonni to’annoo geejjibaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hordoffii fi to’annoon raawwiif gahee isaanii akka ba’an waajjirichi waamicha dhiyeessee jira.

Xiyyaarri namoota 67 fe'ee Kazaakistaanitti kufe keessaa 38 du'uusaanii aanga'oonni himan

Xiyyaarri kan daandii qilleensaa Azarbaajaan ta'ee fi lakkoofsi balalii isaa J2-8243 ta'e tokko osoo gara Raashiyaa, Girooznii imalaa jiruu Kazaakistaan magaalaa Aktaawu jedhamtu keessatti kufee caccabe.

Xiyyaarri kun sababa duumessa hamaatiin of duuba deebi'ee qubachuuf akka dirqame daandiin qilleensichaa BBC'f ibseera.

Xiyyaarichi hoomaa simbirrootaan walitti bu'uu akka hin oolle miidiyaan Raashiyaa gabaaseera. Gabaasi kun dhugaa ta'uunsaa garuu sirriitti hin mirkanoofne.

Abbaan Alangaa waliigalaa Azaarbaajaan balaa kanaan walqabatee taateewwan hundinuu gadi fageenyaan qoratamaa jiraachuu ibsan.

Pirezidanti Ilhaam Aliyev ammoo, kana jedhanii dubbachuuf ammatti yeroonsaa ganaadha jedhan.

Xiyyaarri kun erga kufee caccabeen booda lubbu baraartonni bakkichatti argamuun hojiisaanii itti fufaniiru. #BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Warshaaleen Sukkaaraa suphamuun oomishuu eegalan

Warshaaleen Sukkaaraa baatiiwwan gannaa 2016 keessa suphaan waliigalaa tasifameef hojii oomisha idilee eegaluu Gareen Indaastirii Sukkaraa Itiyoophiyaa beeksise.

Suphaan boodas oomishutti kan deebi’an, Warshaalee Sukkaaraa Wanjii Shawaa, Matahaaraa, Oomoo Kurraaz Lakkoofsaa 1, 2 fi 3, akkasumas Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa ta’uu ragaan garicharraa argame ni mul’isa.

Warshaaleen kunneen baatiiwwan Gannaa maashinaroota qonnaa fi jalliisiif suphaan waliigalaa taasifamaa turuun ibsameera.

Warshaleen kunneen hojii oomishuutti deebi’uu hordofee Sukkara Kuntaalaa kuma 300 oomishuun ibsameera. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
See more posts
Telegram Channel